AMN PLUS- Guraandhala 23/2018
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) baqattoota Eertiraa dabalatee maatii godaantota biyyoota garagaraaf sagantaa Ifxaaraa qopheessuun waliin qooddatan.
Dooktar Abiyyi ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin “Har’a galgala akkuma barame qalbii Ramadaanaatiin maatii baqattoota Burundii, Rippabiliika Dimokraarawaa Koongoo, Soomaaliyaa, Afgaanistaan, Eertiraa, Yamaniifi Sudaanii dhufan waliin ifxaaraaf maaddiitti dhiyaanneerra.” jedhaniiru.