Taphni Tikeettiin Seensaa Gurguramee Dhume Yeroo Hin Beekamneef Dheereffame

You are currently viewing Taphni Tikeettiin Seensaa Gurguramee Dhume Yeroo Hin Beekamneef Dheereffame

AMN PLUS – Guraandhala 22/2018

Taphni ‘Finalissima’ Shaampiyoonaan Waancaa Biyyoota Awurooppaafi Kooppaa Ameerikaa Itti Wal Keessumneessan Yeroo Hin Beekamneef Dheereffamuun Ibsameera.

Taphni Torbeewwan Muraasaan Booda Gaggeeffamaan Beellamni Qabamuufiin Tikkeettiin Seensaa Gurguramee Dhumee Yeroo Jedhameetti Akka Hin Adeemsifamne Himameera.

Taphichi Kuwaataritti Akka Gaggeeffamu Karoorfamee Turus Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Kuwaatar Haala Nageenyaan Wal Qabsiisee Dorgommii Ispoortii Kamiyyuu Yeroo Hin Beekamneef Haqu Beeksisuu Hordofee Taphichi Dheereffameera.

Tarkaanfiin Kuwaatariin Fudhatame Kun ‘Finalissima’ Taphni Ispeeniifi Arjeentinaa Walitti Fidu Akka Dheeratu Taasiseera.

Haata’uuti Taphichi Gara Bakka Birootti Jijjiirama Moo Hanga Kuwaatar Dorgommii Ispoortii Keessummeessuutti Deebituutti Eegama Kan Jedhuuf Ispeeniifi Arjeentinaa Qopheessitoota Dorgommichaa Irraa Hanga Oduu Kana Qindeessineetti Waan Jedhame Hinjiru.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply