Hojiin Kooridarii jireenya hawaasa baadiyyaa fooyyessuuf eegalame bakka hundatti babala’achaa akka jiru Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) himaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) guyyaa har’a Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Godina Halaabaa Aanaa Weeraa Diijoo Ganda Sinbixaatti, qaama misooma koriidarii baadiyyaa kan ta’e ijaarsaa moodela mandaroota baadiyyaa eegalchiisuusaanii ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.
Mandaroonni baadiyyaa moodela ta’an, baasii xiqqaa kan gaafatan, dhiyeessiiwwan naannichatti argamaniin kan ijaaraman yoo ta’u, qonaan bulaanis jireenya fayya qabeessaa fi kabaja qabu akka jiraatu kan dandeessisaniidha jedhan.
Naannichatti, sanyii filatamaan Boqqolloo jallisiin lafa heektaara kuma 2 irratti baayy’ifamaa jiruu akkasumas misoomni kuduraafi muuduraa adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, kana dura naannoo lolaafi balaa hoongeen miidhamaa ture fakkeenya misoomaa isa taasisaas jedhaniiru.