Manni Maree olaanaa dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Ayyaana Iidil Adahaa Arafaa bara kana yeroo 1446ffaaf kabajamu ilaalchisuu miidiyaaleef ibsa kenneera.
Ibsicha kan kennan barreessaa olaanaan mana maree dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Sheek Huseen Bashiir Ayyaanni Iidal Adahaa Arafaa 1446ffaan Caamsaa 29/2017 Ganama sa’aatii 2:30 irraa eegalee Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti akka qabajamuu dubbataniiru.
Ayyaanni Iidal Adahaa Arafaa bara kanaa guyyaa Jimaataarra ooluun adda kan taasisuudha kan jedhan Sheek Huseen ayyaanni kun karaa barsiisa mana amantichaa eegeen akka kabajamuuf qophiin dursaa xumuramuus ibsaniiru.
Manni Marichaa dargaggoota kuma tokkoo ol qaamolee nageenyaa waliin akka hojjetaniif qophii dursaatiin qopheessuu dubbataniiru.
Hawaasni Magaalichaa wayita Ayyaanicha kabajutti hojiilee misoomaa magaalicha keessa jiru akka eeguufi qaamolee nageenya Ayyaanichaa jeequuf yaalii taasisan yoo arge qaamolee nageenyaa naannoo isaanii jiruuf eeruu akka kennan dhaamaniiru.
Ayyaana kana yeroo kabajnutti harka qalleeyyii naannoo keenya jiran gargaaruun ta’uu akka qabus ergaa dabarsaniiru.
Geetaahun Katamaatu gabaase.