Kantiibaa Adaanech Abeebee sadarkaa ijaarsi maneen jireenya waliinii irra jiru qorachuu ibsan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebee sadarkaa ijaarsi maneen jireenya waliinii irra jiru qorachuu ibsan

AMN PLUS- Waxabajjii 6/2017

Kantiibaa Adaanech Abeebee kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo fi naannoo Adabaabayii Jarmanitti sadarkaa ijaarsi maneen jireenya waliinii baajata mootummaan ijaaramaa jiran irra jiru qorataniiru.

Kantiibaa Adaanech fuula midiyaa hawaasaa isaaniitiin ergaa dabarsaniin, ijaarsichi erga eegalame ji’a 9 yoo ta’ellee qulqullinaa fi ariitiin ijaaramaa jiraachuusaarraa kan ka’e gara xumuraatti dhiyaatera jedhan. Haaluma kanaan hojiilee hafan xumuruun hojii dhiyeessii mana jireenya dabalataa cimsinee itti fufna jedhan.

Fedhiin mana jireenyaa amma jiru mootummaa qofaan deebii argachuu akka hin dandeenye kaasan. Kanaafis abbootiin qabeenyaa misooma manaarratti hirmaatan xiyyeeffannoon magaalichaa inni guddaan dhiheessii manaa dabaluu ta’uu hubachuun irraa eegama jedhan.
Mootummaan yeroo gabaabaa keessatti mana ijaaruu erga danda’ee dameen dhuunfaammoo kanaa ol hojjechuun irraa eegama jedhan.

Mana jireenyaa gatii madaalawaan jiraattotaaf dhiheessuuf qaamoleen misooma manaarratti hirmaatan ijaarsa eegalan saffisaafi qulqullinaan ijaaranii xumuruun akkasumas warri lafa fudhatanii hojiitti hin galles ariitiin hojii eegalanii xumuruun akka irraa eegamu waamicha dabarsaniiru. Kana milkeessuufis bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbaachisaa ta’e akka taasisu mirkaneessuun barbaada jedhaniiru Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaasaaniin.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply