Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (Dr) bakka bu’oota Paartilee siyaasaa gara garaa waliin mari’atan

You are currently viewing Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (Dr) bakka bu’oota Paartilee siyaasaa gara garaa waliin mari’atan

AMN PLUS Waxabajjii 11/2017

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad (Dr), Dirree siyaasaa banuun murtee ijoo bara 2010’tti murteessinedha jedhan.

Ergasii paartilee akka mormitootaatti osoo hin taane, akka morkattoota seera qabeessaatti ilaalaa jirra jedhan.

Jijjiiramni yaadaa kun waldorgommii karaa nagaa cimsuun, egeree Itiyoophiyaatiif barbaachisaa ta’uusaa bu’uura godhachuun ta’uus ibsan.

Ejjennoo kanaan qajeelfamnee waggoota darban keessa paartilee Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti galmaa’an waliin bal’inaan mari’ataa turreerra jedhan.

Dr. Abiyyi har’as paartilee siyaasaa kanneen waliin mari’achuusaanii toora miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply