Wal dorgommiin Kalaqa Yaada Daldalaa Finfinneetti adeemsifama jira.
Wal dorgommichis mata duree ” Yaada Kalaqaa Egeree Gaariif ” jedhun gaggeeffamaa jira.
Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hogganaan Biiroo Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Xiraatuu Bayyanaa, kalaqni egeree Itiyoophiyaaf abdii ta’uu himan.
Kantiibaa Itti Aanaafi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay, kalaqoonni hojiitti galuun bu’aa akka argamsisaniif xiyyeeffannaan ni hojjatama jedhaniiru.
Hojiilee Misoomaa Magaalaattii keessatti hojjatamaa jiraniif kalaqni murteessaa ta’uus Obbo Jaanxiraar Abbaay ibsaniiru.
Wal dorgommichaan kanneen 1-15ffaatti sadarkaa qabatan,dorgommii akka guutuu biyyaatti adeemsifamurratti kan hirmaatan ta’a jedhameera.
Wal dorgommiin Kalaqaa kun, Magaalaa Finfinneetti marsaa 3ffaaf gaggeeffamaa akka jiru erameera.
Guddataa Ajjamaatu Gabaase