Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad( Dr) Kutaaleen hawaasaa hundiifi hawaasni dippiloomaasii Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaarratti akka hirmaatan waamicha dabarsaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad( Dr) sagantaa ashaaraa magariisaa bara 2017 eegalchiisaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad( Dr) ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf yaada ijoo “Dhaabuudhaan Bayyanachuu” jedhutu kennameef jedhan.
Hojiin Ashaaraa Magariisaa bu’aawwan hedduu kan argamsiisedha.
Biqiltuuwwan barana dhaabamuuf jiran waliin gara biliyoona 47.5 geenya. Kun isa bara dhufu dhaabnu waliin yoo ida’ame biliyoona 54 gahuu nu dandeessisa.
Warri sagantaa kanatti amantan, kan hirmaattan, warri harki keessan dhoqqee tuqe, warri dhaabdan, Itoophiyaanonni kunuunsitan, dippiloomaatonni Itoophiyaatti argamtan, lammiileen biyya kamiyyuu kan abjuu kana deeggartan hundi baga gammaddani, baga gammanne jechuun barbaada.
Borirraa eegalee guyyaa guyyaadhaan sagantaa #Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa agarsiiftuu bayyanachuu Itoophiyaa ta’e irratti kutaaleen hawaasaa hundiifi hawaasni dippiloomaasii akka hirmaattanin waamichakoo dhiyeessa jedhaniiru.