Morkiin nuusa xumuraa obboloota lamaan gidduutti taasifamu ni eegama

You are currently viewing Morkiin nuusa xumuraa obboloota lamaan gidduutti taasifamu ni eegama

AMN PLUS-Waxabajjii 25/2017

Waancaa kilaboota addunyaa Ameerikaatti aeemsifamaa jiruun kilaboonni 8 nuusa xumuraaf darbuu isaanii mirkaneeffataniiru.

Kilaboonni 2 Jarmaan irraa kilaboonni 2 ammoo Braazil 1 Firaans 1 Inglaand akkasumas 1 Ispeen akkasumas 1 Sa’udii Arabiyaa irraa kilaboota marsaa itti aanutti darbanidha.

Taphni Baayer Muunik PSG waliin taasisu tapha xumura dura kan jedhamee yoo ta’u tapha morkiin cimaan itti taasifamdhu fi jaalattota kubbaa miilaa ni biratti miira ho’aan eegama.

Taphni biraan ammoo morkiin obboloota lamaan Jobe Bellingham fi Jud Bellingham walitti fidee Riyaal Maadrid fi boorishiyaa Dortmund gidduutti taasifamu haalaan eegamaa jira.

Jobe Bellingham kilaba isaa duraanii Sandrland shaampiyoonshippi biyyattii irraa gara pirimar liigii Inglanditti akka ol guddatuuf gahee leencaa erga taphateen booda Paawundii miliyoona 40n Boorishiyaa Dortmund ofitti fudhachuu danda’eera.

Waancaa kilaboota addunyaa kana irratti kilabichatti dabalamuun hiriiree taphachaa kan jiru Jobe Bellingham tapha nuusaa xumuraan Riyaal Maadrid waliin kan falmatu ta’a.

Morkiin obboloota lamaan kunneen Jobe Bellingham guyyaa kalessaa kaardii keelloo 2ffaa argachuu hordofee obbolaa lamaan dirree irratti arguu dhiisuu dandeenya shakkiin jedhus jira.

Karaa biraan taphni kilaboota lamaan kana gidduutti taasifamu adda kan isa taasisu ammoo Jud Bellingham obboleessa isaa malee kilaba isaa duraa waliin kan falmatu ta’a.

Boorishiyaa Dortmund kessatti waggoota milkaa’inaa kan dabarse Jud Bellingham amma faallaa ta’ee garee isaa duraanii waliin kan falmatu ta’a.

Riyaal Madrid Juventuus goolii 1-0n injifachuun nuusaa xumuraaf yoo darbu Boorishiyaa Dortmund gama isaan kilaba Sarjiyoo Raamoos kan ta’e Monterey goolii 2-1n injifachuun nuusaa xumuraaf gaheera.

Rabbirraa Hirphaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply