Barana Itoophiyaan Konfiraansii 150 ol keessumeessuuf carraa argachuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) himaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi (Dr.) Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti argamuun Gaaffilee Miseensota Mana Maree irraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Ministirri Muummee ibsa isaaniin dhaabbileen idil-addunyaa konfiraansii gurguddaa Magaalaa Finfinneetti adeemsiisuuf filachuu hubachiisaniiru.
Kunis jijjiirama akka biyyaatti dhufeen hojii magaalaa Finfinnee filatamtuu taasisuuf hojjetameen tahuu Ministirri Muummee ibsuun kanneen keessaa magaalattii keessummootaaf mijattuu taasisuun hojii ijoo ture jedhaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi (Dr.) barana qofa tuuristootni biyya alaa miiliyoona 1.3 ol Itoophiyaa daawwachuu eeruun kunis riifoormii gama Tajaajila Lammummaa, Hoteelota, daandii qilleensaa, hojii misooma koriidarii irratti taasifameen akka wal-qabatu ibsaniiru.
Tolasaa Mabraateetiin