Magaalaa Finfinneetti labsii kaffaltii manneen barnootaa dhuunfaa kan bara barnootaa 2018 ilaalchisuun mariin adeemsifaa jira

You are currently viewing Magaalaa Finfinneetti labsii kaffaltii manneen barnootaa dhuunfaa kan bara barnootaa 2018 ilaalchisuun mariin adeemsifaa jira

AMN PLUS-Adoolessa 02/2017

Hojiirra oolmaa labsichaa ilaalchisuudhaan, abbootii qabeenyaa manneen barnootaa dhuunfaafi maatii barattootaa waliin kutaa magaalaa Booleetti mariin adeemsifamaa jira.

Marii kanaan dura abbootii qabeenyaa manneen barnootaa dhuunfaa fi maatii barattootaa gidduutti taasifameen manneen barnootaa dhuunfaa dhibbeentaan 80 ol ,kaffaltii labsiin kaa’ametti waliigaluu isaanii Hoogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Zalaalem Mulaatuu (Dr.) ibsaniiru.

Guyyaa har’aas manneen barnootaa dhuunfaa hafaniifi maatii barattootaa waliin mariin gaggeeffamaa jira.

Kaffaltiin barnootaa manneen barnootaa dhuunfaatti gaafatamaa ture, humnaa ol ta’uu Zalaalem (Dr.) ibsanii, bara barnootaa 2018’tti labsii 84/2016 Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee baasee giddugaleeffachuun,sirreeffama Abbaan Taayitaa To’annoo Qulqullina Barnootaa Magaalaa Finfinnee taasiseefi fedhii maatii barattootaa bu’uureffachuun hojiirra akka oolu hubachiisaniiru.

Magaalaa Finfinnee keessa manneen barnootaa dhuunfaa 1600 oltu jiru.

Bara barnootaa 2018 Magaalaa Finfinneetti, manneen barnootaa dhuunfaa 276 haaraan heyyama fudhachuudhaan hojii baruufi barsiisuu kan eegalan ta’uun ibsameera.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply