Magaalaa halkan waarii kubbaa taphachuu aadaa taasisaa jirtu- Finfinnee‎‎

You are currently viewing Magaalaa halkan waarii kubbaa taphachuu aadaa taasisaa jirtu- Finfinnee‎‎

AMN PLUS – Hagayya 07/2017

‎Dargaggoo Zalaalam Malaakuu Magaalaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Qiirqoos Aanaa 11 keessa jiraata.

Kanaan dura, hojiin boodas tahe guyyaa boqonnaaatti bakka itti bashannanuufi sochii qaamaa itti hojjatu rakkachaa turuu dubbata.

‎Bakki oolmaa dhabamuu fi hanqina bakka bashannanaa irraa kan ka’e dargaggoonnis ta’e jiraattonni naannoo sanaa guyyaa boqonnaa mana isaaniitti dabarsuu fi iddoo araadaaf isaan saaxilu illee deemuuf dirqamu jedha, Zalaalam.

‎Dargaggoonni fi ijoolleen naannoo sana jiraatan Ispoortii hojjechuuf balaa konkolaataaf of saaxilaa turuun isaaniis yaadannoo isaanii yeroo dhiyooti.

‎Haata’u malee, yeroo dhiyoo asitti misooma kooridarii hordofuun ijaarsi bakkeewwan bashannanaafi ispoortii sochii qaamaatiif haala mijataa ta’e uumeera jedha.

‎Hunda caalaa dirree ammayyaa halkan hiriyoota isaa waliin taphachuu danda’u qabaachuu isaatti baay’ee akka gammadu dubbata.

‎Dargaggoon jiraataa Qiirqoos, Naannoo Dirree Siisaay jedhamurraa dhufuu isaa dubbatu Abrahaam Abarraa gama isaatiin, dhibee Asimaatiin waan rakkatuuf ogeessi fayyaa akka inni sochii qaamaa hojjatu isa gorsus, bakka itti ispoortii hojjatu dhabuun dhibeen isaa itti hammaatee akka ture ibseera.

‎Haa tahu malee, yeroo ammaa dirreen taphaa naannawa isaatti hojjatame kun akka inni halkanis tahe guyyaa sochii qaamaa taasisu waan isa dandeessiseef haalli fayyaa isaa akka fooyya’u gochuusaa dubbata.

‎Kutaa Magaalaa Qiirqoos Aanaa 11 keessatti, galgala keessaa Naannoo Sa’aatii 1:30tti dargaggootni AMN Digital dubbise guyyaa hojii irra oolanii, galgala ammoo bakka amaleeffannaa Dirree Siisaay jedhamu kanatti kubbaa taphachuun bashannanan dubbatan.

‎Ijaarsi dirree kanaa bashannanaafi jabina qaamaaf qofa osoo hin taane, walitti dhufeenya hawaasummaa isaanii fooyyessuuf akka isaan gargaarellee itti dabaluun ibsaniiru.

‎Kutaa Magaalaa Qiirqoos dabalatee magaalaa Finfinnee bakkeewwan garaa garaarratti hojiin boodas ta’e guyyaa boqonnaa isaaniitti jiraattota daandii guruguddaa irratti bashannanan malee, namootni hedduu yeroo halkan ibsaa jalatti ispoortii hojjatan arguun waanuma barame ta’eera.

‎Ispoortii halkan ibsaa jalatti hojjechuun jijjiirama gama misooma koridooriidhaan dhufe yoo tahu, akka keessatti safartuu qaroominaatti ilaalamuu jalqabeera.

‎Bulchiinsi magaalichaa Finfinnee haaromte fi bareedduu taasisuu bira darbee daa’immanii eegalee hamma maanguddootaatti qaamolee hawaasaa fayya qabeessa ta’an uumuuf dhaabbilee ispoortii hedduu ijaaruu irratti hojjechuu eegaleera.

Bulchiinsi magaalichaa hawaasa fayya qabeessa daa’immanii fi maanguddootaaf ta’u uumuuf dhaabbilee ispoortii hedduu ijaaruu irratti hojjechuu erga jalqabee waggoota muraasa keessatti dhaabbileen ispoortii kuma 1 fi 530 ol ijaaramanii tajaajila kennaa akka jiran ni beekama.

Taammiraat Bishaawutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply