Dhibdeewwan Siyaasaa Itoophiyaa kaleessaa waldhaanuun biyya tokkummaa qabdufi sab-daneetti ijaaruun dhimma murteessaa ta’u hayyoonni himan
Mariin Gumii Balal marsaan 44ffaan mata duree “Dhibdeewwan Siyaasaa Itoophiyaa kaleessaa hanga har’atti” jedhun waajjira prizedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti taa’amaa jira.

Marii Gumii Balal Marsaa 44ffaa irratti haasawa kan taasisan hoggannaan biiroo Kominiikeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaan biyya hundaan hundaaf taatuufi sirna tokkummaa biyyaalessuummaa ijaaruuf mariin waloo meeshaa murteessaadha jedhaniru.
Biyya eegere ishee keessatti lammii isheef carraa walqixaa kennitu waloomaan ijaaruuf hojii hubannoo uumuu keessatti gaheen hayyootaa olaanaa ta’uus himaniru.
Marii Gumii Balal 44ffaa kana irratti waraqaan qorannoo hayyuu saayinsii siyaasaafi hawaasummaa Biraanuu Leenjisoo (Dr.) dhiyyaatee irratti marii’atamaa jira.
Kaasiyyee Maanguddaatu Gabaase.