Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen karoora guyyootii 90 keessaa rawwii ji’oota lamaan darbanii qorachuu himan.
Karoora kanaan kenna tajaajilaa ammayyeessuu, qaala’iinsa gabaa xiqqeessuuf dhiyeessii oomishaa guddisuu, tajaajila tola olaantummaa, carraa hojii uumuu, raawwii pirojektootaa, galii guddisuu akkasumas turizimii konfiraansiif haalota mijaa’aa uumuu irratti xiyyeeffachuun hojiilee hojjetaman qorachuu eeran.