Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.) turtii FMC waliin taasiserratti rakkoolee guddina Itoophiyaa danquun biyyoota guddatan biraa ishee hambiserratti waan baay’ee kaasaniiru.
Sirni mootummaa dhufaa dabraa seeran gadi dhaabbatee itti fufinsaan biyya taana fudhee deema hin turre kan jedhan Dr. Abiyyi guddina biyyattii duubatti hambisuu ibsu.
Duubatti hafummaan sirnaa kuni ammoo sirna bulchinsaa qofa osoo hin ta’in dhaabbilee adda addaa biyya keessaa sirritti ijaaramanii dhalootatti dabruu hin dandeenyes jedhaniiru.
Kun immo guddinni biyya keenyaa akka duubatti harkifatu taasiseera jedhan.
Aadaa badaan biyya keenyaa keessatti babal’taa dhufee hojii gaarii hojjetamee dinqisiifachuu caalaa tuffachuu baay’isuun gufuu guddinaa akka ta’e ibsaniiru.
Sagaalee namaa ukkamsuun kanumti koo qoftii haa mul’atuunis aadaa guddinaa waliin kan hin deemne ta’uus dubbataniiru.
Daangeffamni aadaas guddina biyya tokkoof danqaa ta’uu dubbatan. Aadaan keenya waan haara barachuuf banaa akka hin turinis ibsaniiru.
Kanaaf rakkinoota kana hunda kan hubatan Ministirri Muummeen, kitaabaa isaanii 4ffaa Mootummaa Ida’amuu jedhu keessatti rakkoolee kana hundaa eeruun furmaata isaaniillee akka barreessan dubbataniiru.
Shuumii Badhaasootiin