Ji’oottan lamaan darban keessa dhiyeessii oomishaa fi to’annoo daldala seeraan alaa magaalaa Finfinnee keessatti hojiin bu’a qabeessa hojjetamuun ibsame

You are currently viewing Ji’oottan lamaan darban keessa dhiyeessii oomishaa fi to’annoo daldala seeraan alaa magaalaa Finfinnee keessatti hojiin bu’a qabeessa hojjetamuun ibsame

‎AMN PLUS – Hagayya 17/2017

‎Ji’oottan lamaan darban Magaalaa Finfinneetti dhiyeessii oomishaa, raabsa meeshaalee, to’annoo meeshaalee seeran alaa, to’annoo daldala seeraan alaa fi dameewwan birootiin bu’aa jajjabeessaan argamuu isaa Koreen seera kabachiisuu fi to’annoo magaalaa Finfinnee beeksise.

‎Koreen kun hojiiwwan ji’oottan lamaan darbanii irratti gabaasa dhiyeessuun karoora xiyyeeffannoo itti aanu irratti mari’ateera.

Adeemsa kana keessatti xiyyeeffannoon guddaan to’annoo hayyama daldalaa malee daldaluu, gabaa sambataafi dilbataa to’achuu, nagahee malee daldaluu, sochii daldala halkanii fi hojiiwwan kontirobaandii biroo akka to’ataman ibsameera.

‎Yeroo itti aanuus raabsaa oomishaa fooyyessuu fi raabsa meeshaalee sirnaan mirkaneessuuf, akkasumas dhaabbilee daldalaa fi daballii mindaa waliin walqabatee namoota dhuunfaa gatii hin malle dabalan irratti tarkaanfii naamusaa fi sirreeffamaa fudhachuu akka danda’amu kallattiin kaa’ameera.

‎Koreen kun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii, Biiroo Daldalaa, Biiroo Galiiwwanii, fi Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii kan hammate ta’uu ibsameera.

‎Aniwaar Ahimaditu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply