Duudhaaleen biyyaalessaa ijaarsa sirna diimookiraasiif bu’uura ta’an gara gabaatti dhufuu qabu- Diyaaqon Daani’eel Kibrat

You are currently viewing Duudhaaleen biyyaalessaa ijaarsa sirna diimookiraasiif bu’uura ta’an gara gabaatti dhufuu qabu- Diyaaqon Daani’eel Kibrat

AMN PLUS – Hagayya 18/2017

Duudhaaleen biyyaalessaa ijaarsa sirna diimookiraasiif bu’uura ta’an gara gabaatti dhufuu qabu jedhan Gorsaan Damee Hawaasummaa Ministira Muummee Diyaaqon Daani’eel Kibrat.

Hoggantoonni olaanoon Mootummaafi Ogeeyyiin garaagaraa Kitaaba Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Ministira Waamamaa Olaanaa Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen mata duree “Diimookiraasii Itiyoophiyaa Barbaaduu” jedhuun barraa’erratti marii gaggeessaniiru.

Diyaaqon Daani’eel Kibrat wayita kana akka jedhanitti, hojiin duudhaalee jaarsummaa, araaraa, seeraafi kanneen biroo ijaarsa sirna diimookiraasiif fayyadan akka beekaman gochuu cimee itti fufuu qaba.

Qorataafi ogeessi Gaazexeessummaafi Kominikeeshinii obbo Kamaal Haashiin gamasaaniin, hoggantoonni olaanoon mootummaa beekumsaafi muuxannoo horatan uummataaf qooduun kan isaan galateeffachiisu akka ta’e ibsuu isaanii himameera.

Kitaabni Dooktar Tasfaayee Baljigeen barraa’e kunis beekumsa xabboof xiyyeeffannoo kennuun tattaaffii diimookiraasii Itiyoophiyaa fakkaatu ijaaruu kan dandeessisu ta’uu kan dubbatan ammoo hayyuufi qorataa falaasamaa kan ta’an obbo Zarihuun Tashoomaati.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply