Ayyaanota dhiyeenyatti kabajamaniifi daballii mindaa taasifame hordofee daballii gatii akka hin jiraanneef xiyyeeffannoo olaanaan hojjatamaa jiraachuu Kantiibaa Itti Aanaafi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay ibsaniiru.
Obbo Jaanxiraar Dhimmicha ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Obbo Jaanxiraar ibsa laataniin magaalaan Finfinnee qaalomina jireenyaa hir’isuufi gabaa tasgabbeessuuf hojiilee hedduu hojjachaa jirti jedhaniiru.
Hojiilee kanneen keessaa oomishaaleen gahaan gabaaf akka dhihaatu gochuun hanqinni oomishaalee akka hin uumamne taasisuun ijoo hojichaa tahuu himaniiru.
Kunneen keessaa Gabaan Sanbataa akka baballatu gochuun hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjatamaa kan jiru tahuu eeraniiru.
Hojiileen biroo deeggarsa hawaasa harka qalleeyyii tahuu eeranii, lammiileen ijoolleen isaanii sirnaan akka barataniif barattoota kuma dhibba 8 guyyaatti yeroo lama manneen barnootaa hundatti nyaata akka argatan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Magaalaan Finfinnee jiraattonnishee qaalomina jireenyaa akka dandamatan sagantaa hawaasa deeggaruu adda addaan hojjachaa jiraachuu ibsuun, sagantaa soorata barattootaa, deeggarsa dhiheessii geejjibaa hojjattoota mootummaa, kiraa manaa kaffaluufi kanneen biroo ballinaan hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.
Magaalattitti kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa argatan gargaaruuf sagantaalee adda addaatiin birriin biiliyoonni 14.5 deeggarsa taasifamuu ibsaniiru.
Ayyaanota fuula keenya dura jiraniifi daballii mindaa hojjattoota mootummaa dhiheenya ifoome sababeeffachuun ilaalchisee daballiin gatii gabaa akka hin taasifneef Koreen To’annoo Gabaa Magaalaa Finfinnee xiyyeeffannoo olaanaan hojjachaa jiraachuus ibseera.
Dhiheessiin oomishaalee gahaan akka jiraatuuf oomishtootarraa giddu seentummaa tokko malee kallattiin fayyadamaaf akka dhihaataniif kutannoon hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Mahaammad Toofiqitu gabaase.