Jijjiirraa Aleeksaandar Isaakii fi morkii tapha har’aa

You are currently viewing Jijjiirraa Aleeksaandar Isaakii fi morkii tapha har’aa

AMN PLUS – Hagayya 19/2017

Aleeksaandar Isaak Liivarpuulin barbaadamaa jiraatullee, filannoo jijjiirraa ilaalee garee biraaf taphachuu akka barbaadu miidiyaa hawaasaa irratti ifa godheera.

Niwukaastil Yunaayitid amala isaa kanaan akka hin gammanne beeksiseera. Falmiin kun furmaata osoo hin argatin foddaan jijjiirraa cufamuuf jira.

Liivarpuul taphataa sarara fuulduraa lammii Siwiidin kanaaf kaffaltii paawundii Miiliyoona 110 kan dhiyeesse yoo ta’u, milkaa’ina taphatichaatiin walqabatee ammoo paawundii Miiliyoona 10 dabalataan dhiyeessullee, Niwukaastil garuu gaaffii kana hin fudhanne.

Dorgommii cimaa ta’a jedhamee kan eegamu taphi gareewwan lamaan gidduutti taasifamu sababa oduu jijjiirraa Isaak iraan kan kahe xiyyeeffannaa dhabaa jira.

Haa ta’u malee abbaan murtii dorgommii kanaa Siimoon Huupar erga tapha eegalchisanii xiyyeeffannoon nama hundaatuu morkii irratti akka ta’uu waan oolu miti.

Shaampiyooniin bara darbee Liivarpuul bara dorgommii kana Boornmaawuz injifachuun kan eegale morkataa cimaa Niwukaastil Yunaayitid waliin har’a ni taphatu.

Jijjiirraa kanaan rakkachaa kan jiru Niwukaastil Yunaayitid bara 2015 irraa eegalee Liivarpuuliin injifatee kan hin beekne yoo ta’u, har’a morkii cimaa gaggeessa jedhamee eegama.

Kilaboonni lamaan kun yeroo dhumaaf tapha xumuraa waancaa Kaaraabaa’oo irratti wal argan. Niwukaastil tapha kana 2 fi 1n injifachuun waggoota 70 booda yeroo jalqabaaf waancaa kana kan fudhate.

Shawaangizawu Girmaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply