Ispoorteessitootaaf qormaatani olaanaa miidhama isaan irra gahudha.
Miidhamni ACL (Addaan Cituu Maashaa Jilba Keessaa) kan taphattoota gaggabsu, ji’ootaa hanga waggaatti dirree irraa fageessu dha.
ACL gosa maashaa yommuu tahu, hojiin isaas kutaan qaama keenyaa jilba ykn buusaa jilbaa gadi jiru gara fuulduraatti akka hin mucucaanne kan dhorku akka ta’e Hospitaala Yakkaatit 12’tti Gargaaraan Piroofeesara Wal’aansa Baqaqsanii Yaaluu Lafee Doktor Sayid Mohaammad ibsaniiru.
Maashaan guddinaan kanneen biroo caala jedhame kun haalota adda addaan balaf saaxilamuu danda’a. Keessumaa, ispoortessitootni miidhaa kanaaf saaxila ba’uu danda’u.

Ispoortessaan tokko akka tasaa sochii ariitiin taasisaa jirurraa haalli isa dhaabu yoo isa mudate yookaanis yeroo ol utaalee gara lafaatti deebi’u madaallii qaamaa isaa eegee kan hin dhaabbanne yoo ta’e miidhaan ACL isa quunnamuu akka danda’u ibsan Dr. Sayid
“Taphattootni kubbaa miilaafi kubbaa harkaa miidhaa kanaaf kanneen sadarkaa duraatti saaxilamani” jechuun itti dabaluun ibsanii jiru. Ispoortessaan tokko yeroo maashaan ishaa citu, waan sagalee qabaatuuf miidhaa ACL’f saaxilamuu isaa beekuu akka danda’u ogeessi kun itti dabaluun ibsaniiru.
Miira dhikkubbiirra darbee madaan yerooma sanatti mul’atuufi kan miidhama sana booda miilaan deemuun isa dhibus yoo ta’e, carraan ispoortessaan sun balaa ACL’f saaxilamuu isaa bal’aa akka ta’e Dr. Sayid AMN’f himaniiru.

Miidhaan kun qaqqabuu isaa qorannoo MRI ykn Maashinii Maagneetiik Rezonaans Imeejiing jedhamuun beekamuu akka danda’uufi qorannoo kanaan dhibbantaa 80 mirkanaa’uu akka danda’u ibsaniiru. Miidhaan kun qaqqabuun isaa ogeessaan mirkanoofnaan, wal’aansa baqaqsanii yaaluu maashaa irratti taasisamu murteessaa ta’uu mala jedhan.
Namni wal’aansa baqaqsanii yaaluun taasisameef tokko gorsa ogeessaa hojiirra oolchaa of eeggannoo gochuu akka qabus yaadachiisaniiru. Namni miidhaa kanaaf saaxilamee yaalii argate baatii sagalii hanga 12 jidduutti fayyuun gara sochii idilee isaatti akka deebi’uu danda’u itti dabaluun ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin