Hojiin ijaarsaa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa xumuramuun dargaggoota naannoo Beenishaangul Gumuziif carraa hojii adda addaa akka uume ibsame.
Carraaleen hojii dargaggootaaf uumamanis qurxummii qabuu, bidiruu oofuu, fi kanneen biroo ta’uu isaa Daayiraktarri Waajjira Qindeessituu Hirmaannaa Ummataa Naannichaa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa Obbo Lammeessaa Neenoo AMN’tti dubbatanii jiru.
Xumuramuun hidhichaa iddoowwan hanga ammaatti humni ibsaa hin dhaqqabin akka dhaqqabu taasisuun fedhiin turizimii akka dabalu taasisuu irratti gahee guddaa qabas jedhameera.
Hidhichi xumuramuu isaa hordofee sirna eebbaaf ummanni qophii taasisaa akka jiru daayiraktarichi ibsaniiru.