Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaan har’arraa egeree ishee hojjechaa jirti jedhe.
Itiyoophiyaan tattaaffii egeree ishee har’arraa hojjechuuf taasistuufi milkaa’inoota galmaa’an beeksisuuf Qaammee 5, Guyyaa Egeree mata duree “Diijitaal Itiyoophiyaa Dhugoomsuu” jedhuun kabajaa akka jirtu tajaajilichi ibseera. Itiyoophiyaan ofiisheerra darbitee bayyanachuu Afrikaa labsuuf har’arraa egeree ishee hojjechaa jiraachuus eereera.
Dhaloota warraaqsa indaastirii 5ffaaf maadaalu bocuuf, anniisaa haaromfamaa guddina indaastiriif ta’u dhiyeessuuf, magaalota ammayyaa uumuuf, teeknooloojiifi yaadota haaraa bocuuf xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jirti jedhe. Iidaa dhalootaa salphisuun miindaa dhaalchisuuf tattaafachaa jiraachuus kaaseera.
Itiyoophiyaan egeree ishee wayita hojjettu yaada Afrikaanota biroos ceesisu danda’u qabachuun akka ta’e eeruun, karoora Diijitaal Itiyoophiyaa 2025 milkeessuun karoora tarsiimawaa itti aanu hojiirra oolchuutti galteetti jedhe.
Diijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf eenyummaa lammiilee ishee haala guutuu ta’een beekuun xiyyeeffannoo isa duraa ta’uu, kanaaf ammoo tajaajilli waraqaa eenyummaa biyyaalessaa kan eeramu akka ta’e ibseera.
Ragaa hanga ammaatti jiruun lammiileen biyyattii miiliyoonni 23 ol tajaajila waraqaa eenyummaa biyyaalessaaf galmaa’uufi yeroo gabaabaa keessatti dacha hedduun guddisuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiiseera. Leenjiin Itiyoo- Kooders miiliyoona 5’nis daandii imala Diijitaal Itiyoophiyaa saffisiisu ta’uu kaaseera.

Dameen faayinaansii Birrii tiriiliyoonatti lakkaa’amu bittaafi gurgurtaa diijitaalaan sochoosaa jiraachuu ibsuun, jalqabbiiwwan kunneen egeree Diijitaal Itiyoophiyaa ilaalcha keessa kan galchan ta’uu hubachiiseera. Itiyoophiyaan dhiyeessii huma haaromfamaa amansiisaa qabduun bakka gahumsa dhaabbilee ‘daataa maayiniingi’ hedduu ta’uus ibseera.
Fayyadamtoonni bilbila moobaayilaa miiliyoona 85 fi kuma 400 darbuu kan ibse tajaajilichi, namoonni miiliyoonni 28 fi kumni 600 ol fayyadamtoota intarneetii ta’uu yaadachiiseera. Nageenya saayibarii Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiileen hojjetamaa jiran milkaa’inaafi abdii kan qaban ta’uu eereera.
Inistiitiyuutiin Artifishaal Intelejensii Afrikaarraa sadarkaa duraarra jiru gara hojiitti erga galee waggoottan lakkoofsisuu yaadachiisuun, kunneen hundi agarsiistuu imala Diijitaal Itiyoophiyaati jedhe.
Giddugaloonni qorannoo qonnaa babal’achaa jiraachuufi sanyiiwwan haaraa baasaa akka jiran ibsuun, kunis birmadummaa nyaataa mirkaneessuufi rakkoowwan wabii nyaataa yeroofi dhaabbii balaawwan nam-tolcheefi uumamaan mudatan waaraan furuuf kan dandeessisudha jedhe.
Ogummaa dargaggootaa leenjiiwwan gaggabaaboon ijaaruun biyya keessaafi biyyoota alaatti carraalee teeknooloojiin deeggaraman akka argataniif hojjetamaa jiraachuufi milkaa’inni argamaa akka jirus ibseera.
Itiyoophiyaan fedhiifi qormaatilee har’aa qofarratti hin xiyyeeffattu kan jedhe tajaajilichi, damee hundaan tarkaanfiiwwan seena qabeessa egeree isheef bu’uura kaa’an tarkaanfachaa jiraachuu yaadachiiseera.