Sirna Rubboo: Gulantaa walbaruu hiriyoota fi shaakala angoo Gadaa Oromoo Karrayyuu

You are currently viewing Sirna Rubboo: Gulantaa walbaruu hiriyoota fi shaakala angoo Gadaa Oromoo Karrayyuu

AMN PLUS- Qaammee 5/2017

Karrayyuu gosa Dullachaa fi Baasoo kanneen sadarkaa Rubboo gahan baatii Adoolessaa fi Hagayyaa raamaaf bobba’u.

Obbo Jiloo Fantaallee Carcar. Miseensaa fi Shaayii Rubbooti. Adeemsa Sirna Rubboo ilalchisee AMN PLUS waliin turtii taasisaniiru.

Ijoolleenii fi dargaggoonni sadarkaa Rubboo irra jiran waggaa 16 har’an baallii/alangee fudhatanii warra Lubaa/Gadaa (Michillee) ta’uuf deemaniidha.

Sana dura dursanii walbaruudhaaf, wal-arganii waliin taphatu, weellisu, ni muudamu, jaarrillee ni eebbisu. Ollaa tokkoo ollaa biraatti godaanaa, qe’ee abboootii jaraatti eebba fudhatu, qalma qalamuuf nyaatu, maxxaarrii tolfatu, muuda muudamu.

Akkananaan hunduu hiriyootasaa gadaa isaa keessaa, maatilee hiriyoota isaa fi hoggantoota Gadaa isaatiin wal bara. Firoomas cimsata. Ruubboon mataan ishii muuda, wayaan ishii connii (dhadhaan kan laambubamtee) fi gurmuu irratti Maxxaarrii baattattee yaati.

Maxxaarriin wantee (gaachana) fi waaraana rubbootii jedhama. Rubboon bishaan waaqaa bu’u ykn bokkaa malee bishaan malkaa hin dhugdu. Aadaatu dhorka.

Akka tuuta gadaa Karrayyuutti, Ruubboon yeroo ammaa bobba’ee Sambata dhufu yeroo isaa xumuree Gadaa ilma Nuqusaa (Melbaaf) kennu kan tuuta gadaa Birmajiiti (ilmaan Sabbaaqaati akkasumas ilmaan Raabaati). Birmajii fi Meelbaan walanna waan ta’aniif warri melbaa maqaa baanaa (Arrabsoo) Burree jedhamuun Rubboo kana waamu.

Warri Rubboo bobba’an akkuma umurii Gadaa isaaniitti Jaarsa, dargaggeessaa fi Ijoollee of-keessaa qabu. Warri gara ijoollee warra walannaa isaanii ta’an weedduun akka barbaadanitti fololoksanii arrabsuuf mirga gadaan kennameef qabu. Arrabsoo jaraas akka eebbaatti fudhatu malee deebii hin kennaniif. Kanaafis Warri Rubboo afaan isaanii danbooba jedhamanii farfamu.

Tuutni shanan Gadaa Karrayyuu Roobalee, Birmajii, Meelbaa, Dilboo fi Halchiisadha. Kan yeroo ammaa baallii gadaa Karrayyuu of-harkaa qabu ammoo tuuta Gadaa Dilboodha.

Bayyanaa Taaddasaatu gabaase

Suura: Gammachuu Baqqalaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply