Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana bara haaraa sababafeechuun giddu gala soorataa Amuddii kataa Magaalaa Lidataatti argamutti maaddii qoodan.
Sagantaa kana irratti ergaa kan dabarsan Aadde Adaanech giddu galoota soorataa 26 bulchiinsa magaalichaa keessa jiran maratti sagantaan maaddii qooduu raawwatamuu himuun kuni “isin bira jiraachuu keenyaaf agarsiistudha” jedhan.
Sagantaa maaddii qooduu kutaa magalaa Lidataa kana tumsaa kan jiru Garee Invastmatii Meedirook galateeffataniiru.
Misikkir Alamaayyootu gabaase