Nageenya waaraafi hojii misoomaa eegalame itti fufsiisuun imala badhadhinaa milkeessuuf tumsi lammillee hundaa murteessa ta’uu Hooggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa himan.
Biirichi Komishinii Qindeessaa Hirmaannaa Uummataafi Tola Ooltummaa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun ayyaanota Dirreerratti tibbana kabajaman ilaalchisuun qaamolee nageenyaa, raayyaa nageenyaa, kanneen eegumsaa irratti hojjeta jiranifi tola oltota waliin mari’ateera.
Mariin kunis ayyaana Daamaraa Masqalaafi Irreechaa karaa duudhaafi aadaa isaan nagaan akka kabajamuuf qindoominaafi tumsa waloon milkeessuuf haalaa danda’amu irratti kan xiyyeeffatedha.
Ayyaanota kanneen milkeessuuf kutaaleen hawaasafi tola ooltoonni qindoominaan hojjechuun akka qabanis Hooggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa himaniru.
Dirribaa Yaadataa