Garee Biyyaalessaa ittiin boonnu uumuuf karoora MM Abiyyi Ahimad (Dr) dhiyeessan irratti ogeeyyiin kubbaa miillaa maal jedhan?

You are currently viewing Garee Biyyaalessaa ittiin boonnu uumuuf karoora MM Abiyyi Ahimad (Dr) dhiyeessan irratti ogeeyyiin kubbaa miillaa maal jedhan?

‎AMN PLUS -Fulbaana 10/2018

Leenjistoonni Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa duraanii Wubatuu Abaateefi Inistiraaktar Abrahaam Maabiraatuun ejjennoon Dooktar Abiyyi garee biyyaalessaa cimaa horachuuf qabatan haamileefi galaa akka isaaniif ta’u himan.

Damee ‎Kubbaa miillaatiin Itoophiyaan garee biyyaalessaa injifataafi ummanni ittiin boonu hundeessuun hin danda’amne.

Kanaaf sababoota heedduu kaa’aman keessa aangawootni xiyyeeffannoo dhorkachuun tokko akka ta’e himama.

‎Amma irratti kun akka rakkootti hinka’u. Mootummaan dirreewwan taphaafi oolmaa daa’immanii ballinaan ijaaruu irra darbee xiyyeeffannaa addaa itti kennee hordofuu danda’uunsaa ogeeyyii waggootaaf dhama’aa turaniif oduu gaarii ta’eera.

‎Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) eebba kitaaba Mootummaa Ida’amuu irratti waggoota 10 itti aanan keessatti sadarkaa Idil addunyaatti garee biyyaalessaa ittiin boonnu ni qabaanna jechuun isaanii ni yaadatama.

‎Haasaan Ministira Muummee kun galaa hamilee akka ta’eef AMN waliin turtii kan taasisan Eliit Inistiraaktar Abirahaam Maabiraatu ibsaniiru.

‎Leenjisaan duraanii garee Biyyaalessaa Itoophiyaa haasaa akkasii bulchaa biyyaa irraa dhaga’uun nama gammachiisa, nuyi ogeeyyiidhaaf galaa hamilee ta’a jechuun dubbataniiru.

‎Inistiraakter Abirahaam yeroo dheeraa keessatti jijjiirama fiduun akka danda’amu sadarkaa mootummaatti hubannaan jiraachuun jajjabeessaadha jedhan.

‎Dhiyeessiin barbaachisu yoo guutee fi karooraan yoo hoogganame waggaa 10 keessatti garee biyyaalessaa cimaa ijaaruun akka danda’amu ibsaniiru.

‎Haala wal fakkaatuun AMN waliin turtii kan godhan leenjisaan duraanii Wubatuu Abaatee waltajjii ardii irraa kan fagaate garee biyyaalessaa rakkoon hoji-maataa yoo furamee fi guddattoota irratti kan hojjetan ogeeyyii gahumsa qaban horachuun yoo danda’ame dorgomaa ta’uun akka danda’amu kaasaniiru.

‎Keessumaa yaroo ammaa dirreewwan ijaaramaa jiran jijjiirama fiduuf deggaraa akka ta’an dubbataniiru.

‎Mootummaan kanaan dura xiyyeeffannoo dhorkatee qofa otuu hintaanee dirreewwan turan kaayyoo biroof oolchaa turuu kan himan leenjisaa Wubatuun, dirreewwan kunneen deebi’uun isaanii tarkaanfii guddaa fi cimee itti fufuun irra jiru ta’uu tuqaniiru.

‎Garee biyyaalessaa cimaa ijaaruuf mootummaan dhaloota irratti hojii hojjetaa jiru hundumtuu deeggaruun akka irra jiru leenjisaa Wubatuu Abaatee eeraniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply