Milkaa’ina ayyaanotaatiif miseensoota Waldaa Dubartootaa Finfinnee waliin mari’atame

You are currently viewing Milkaa’ina ayyaanotaatiif miseensoota Waldaa Dubartootaa Finfinnee waliin mari’atame

AMN PLUS- Fulbaana 12/2018

Ayyaanni Masqalaa fi Irreechaa duudhaa amantaafi aadaa isaa eeggatee nagaan akka kabajamuuf dubartoonni gahee olaanaa qaban ba’achuu akka qaban Hooggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa himan.

Miseensoota Waldaa Dubartootaa Magaalaa Finfinnee waliin dhimmicha irratti mariin gaggeefameera.

Marii dubartoota waliin gaggeeffame irratti argamuun ergaa kan dabarsan Hooggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa tumsa dubartoonni nageenya keessatti taasisaa jiraniin mana keessaa eegalee sadarkaa magaalaatti nageenya amansiisaa fiduun danda’ameera jedhan.

Dubartoonni nageenya isaanii kana cimsanii itti fufsiisuun ayyaanni masqalaafi irreechaa duudhaa amantaafi aadaa isaa eeggatee akka kabajamuuf gahee isaanii akka ba’atan ergaa dabarsaniiru.

Pireezidaantiin Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee Aadde Innaataalem Indaalee dubartoonni Finfinnee nageenyaafi misooma keessatti hirmaachuun magaalaafi biyya isaanii akka tajaajilaniif xiyyeefannoon kennamee hojjetamaa akka jiru himan.

Itsagannat Damisseetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply