”Fulbaana torban jalqabaa irraa kaatee mul’atti. Bifa miidhagaa, gurraacha ykn gara cuquliisaa dhaqu qabdi. Sagaleen ishee illee hawwataadha. Yeroo itti hormaataaf qophooftu waan ta’eef sagalee miidhagaa kanaan hawwatti.” jedhu, Hayyuun Aadaafi Seenaa Obbo Charinnat Waaqwayyaa wayita waa’ee Simbira Masqalaa ibsan.
Obbo Charinnat AMN Diijitaal waliin turtii taasisaniin Simbirri Masqalaa birraan akka dhufe kan agarsiistu ta’uu himaniiru. “Simbirri ibsaa dhufte” jechuun miira gammachuun akka simatamtu kaasuun, Ayyaana Gubaa/Masqalaa ayyaana guddaa uummata Oromoo biratti “Mootii Ayyaanaa” jedhamee waamamu kana wajjin dhufuu isheen moggaasa kana argachuu ibsaniiru.

Dhufaatiin ishee waqtii birraa wajjin waan wal qabatuufi yeroo itti midhaan ooyiruu fi qe’ee keessa jiru asheetu ykn ga’uunis akka wal qabatu himaniiru. Midhaan ayyaanaaf qophaa’e ykn kan ooyiruu irra illee jiru wayita isheen nyaattu, “hin nyaatin” jedhanii irraa akka hin dhorkine ibsu.
Simbirrootni kunneen kennaa bara haaraa ta’an kunneen koochoo isaanii halluu garaa garaan faayameen jalqabbii bara haaraa miidhagsu, egeree ifaa ta’e labsu.
Weedduu isaanii hin quufamneen hirribaa nama dammaqsanii, guyyaa gaarii dabarsuuf fedhii namaa dammaqsu, hojiidhaaf nama si’eessu. Weedduu hin dagatamneen miira gaarii uumu, hojii gaarii hojjachuuf nama kakaasu.

Yeroo tokko tokko nama yeroo dheeraaf osoo wal hin argin turre yeroo arginu, “Maali atihoo Simbiruma Masqalaa taate” waliin Jenna Mitiiree, waggaatti wal agarre e Wal quufnaaree, eenyutu gargar nu baasa. Hamma kanatti, Simbira Masqalaa ofitti aansinee jirra.
Yeroo birraan bari’u, waqtii kanatti, dachaafi gaarreen Itoophiyaa, dacheen miidhagaa Oromiyaa, laggeen, dirreewwan, qe’eeniifi ooyiruun qonnaan bulaa magariisaafi keelloo uffachuun waqtiin gannaa darbee waqtiin birraa dhufuu isaa agarsiisu.

Moggaasni Simbirroo Masqalaa kan argame uummatuma irratti, moggaasuma qe’eeti. Akkuma nama yaadanii, akkuma maatii arguuf hawwanii, akkuma aantii barbaadanii arganii, waggaatti yeroo tokko yoo dhufan, maaliif hin gammadaniree. Simbirroon Masqalaas kanuma.
Biyya keenyattis kanaaf mararteen eegamu, Simbirri Masqalaa, birraafi Ayyaanni Masqalaa. Waqtii Damaraa Masqalaa ykn ibsaa daamotii kana, “Simbirroo Masqalaa…Uumaan deebite Yaa cilee Masqalaa” jedhu guyyaa gubaa sana.
Malkaamuu Abbabaatu gabaase