Magaalaa Finfinneetti misooma koriidarii dabalatee hojiileen misoomaa hojjetamaa jiran dorgomummaa magaalatti guddisuun giddugaleessuummaa doppiiloomaasii mirkaneessaa akka jiru Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Dinagdee Afrikaafi Itoophiyaaatti Ambaasaaddarri Chiilii Roodirigoo Guuzimaan ibsaniiru.
Biyyootni lamaanuu eegumsa naannoorratti ejjennoo cimaa kan qaban ta’uu ibsuun, Chiiliin tokkummaan hojjechuuf qindoominni biyyoota Afrikaa waliin qabdu guddaa ta’uu kaasaniiru.
Itoophiyaan biyya qaroomina duriitiin beekamtu ta’uu kaasuun hojiilee muuziqaafi aartii irratti biyyoonni lamaanuu walitti hidhamiinsa aadaa qaban akka cimsan Ambaasaaddarri kuni dubbataniiru.

Walitti hidhamiinsa aadaa biyyoota lamaanii daran cimsuun kuni ummata biyyoota lamaanii wal-barsiisuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu himaniiru.
Magaalaan Finfinnee magaalaa guddoo Afrikaafi giddu gala dippiloomaasii ta’uu isheetiin jijjiiraramni agarsiiste daran akka miidhagduufi ammayyooftu taasisuu eeruu isaanii TOI gabaaseera.
Magaalaa keessatti hojiileen misoomaa raawwatama jiran Finfinnee ammayyooftuufi mijooftuu taasisuun dorgomummaa ishee akka guddisaa jiru illee itti dabaluun ibsaniiru.