Mootummaan Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa milkaa’inaan akka xumuramuuf akka hojjatu Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee ibsan.
Sirna baniinsa Mana Maree Federeeshinii fi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa irratti haasaa taasisaniin, mootummaan filannoo marsaa 7ffaa bara kana adeemsifamu nagaan xumuramuuf akka hojjatu beeksisaniiru.
Filannoon kun haqa qabeessa, dimookiraatawaafi bilisa akka ta’uuf kan hojjatamu ta’uus himan.
Malkaamuu Abbabaatiin