Manneen Barnootaa Finfinnee hunda keessatti sosochiin ispoortii eegalame

You are currently viewing Manneen Barnootaa Finfinnee hunda keessatti sosochiin ispoortii eegalame

AMN PLUS- Fulbaana 27/2018

Dhaloota dammaqoofi fayya buleessa horachuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi manneen barnoota hunda keessatti sosochii gahuumsa qaama eegalchiise.

Sosochiin jabeenya qaamaa kun Mata duree “Dhaloota gahoofi dammaqoo haa Oomishnu” jedhuu mana baruumsaa Minilik 2ffaa sadarkaa 1ffaa keessatti eegaleera.

Kana booda manneen barnoota hunda keessatti guyyaa kibxataafi kamisaa barnoota dura sosochiin jabeenyaa qaamaa kan gaggeeffamu yoo ta’u, kaayyoon isaas barattoonni qaamanis ta’ee sammuun barnoota isaanif qophii akka ta’aniif ta’uu himameera.

Sosochii gahuumsa qaamaa kana irratti hooggantoonni Biiroo Barnootaafi Biiroo Dargaggoofi Ispoortii akkasumas, barsiisoonniifi barattoonnii argamaniiru.

Geetaahun Katamaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply