Maallaqa kaffalaa gibiraan biyya ijaaraa jirra- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Maallaqa kaffalaa gibiraan biyya ijaaraa jirra- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN Plus – Fulbaana 28/2018

‎Galii kaffaltoota gibiraa amanamoo irraa argamuun biyyi ijaaramaa jirti jechuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dubbatan.

‎Dooktar Abiyyi sirna beekantii fi badhaasaa kaffaltoota gibiraa amanamoo marsaa 7ffaa irratti argamuun beekamtii kennaniiru.

‎Waltajjicha irratti kaffaltoota gibiraa amanamoo galateeffachuu fi gammachuu isaanii qooddachuun biyya badhaadhina barbaadduuf kaffaltoonni gibiraa amanamoon haalaan barbaachisoo ta’uu hubachiisaniiru.

‎Liqa doolaaraas ta’ee gargaarsa alaa tokko malee maallaqa kaffaltoota gibiraan magaalaan balfaan guutamtee turte qulqulleessinee sadarkaa ijoollee keenya madaaluun bifa ishee jijjiiraa jirra jechuun haasaa isaaniin dubbataniiru.

‎Kanaafis Finfinnee naanna’anii daawwachuun agarsiiftuu gaarii ta’uu ibsaniiru. Finfinneen alas kaffaltoota gibiraa amanamoon biyyi ijaaramaa kan jirtu addeessaniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply