Itoophiyaan gocha hannaafi qabeenya miliqsuu ni jibbiti- Abiyyi Ahimad(PhD)

You are currently viewing Itoophiyaan gocha hannaafi qabeenya miliqsuu ni jibbiti- Abiyyi Ahimad(PhD)

‎AMN PLUS-Fulbaana 28/2018

“Itoophiyaan badhaadhina waan barbaadduuf hanna, qabeenya miliqsuufi dadhabina ni jibbiti jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Kanaafis biyya badhaate dabarsanii kennuuf cimanii hojjachuun hundumaa irraa akka eegamu dubbataniiru.

‎”Biyyi hattu, harka hin hojjenne, qabeenya biyyaa kan miliqsu keessatti badhaadhinni hin jiru” jechuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.

‎Hojjetaa aangootti fayyadamee mattahaan tajaajila kennuu barbaadu, maallaqa kennuufii osoo hin ta’in namni kamiyyuu mirga tajaajila argachuu waan qabuuf aanga’oota akkasii saaxiluun barsiisuun akka barbaachisus ibsaniiru.

‎Imala Itoophiyaan badhaadhinaaf taasistu qormaanni mudatu yoo jiraate mootummaan akka carraa gaariitti fudhachuun milkaa’inatti akka jijjiiru Ministirri Muummee himaniiru.

‎Qormaatilee hunda keessaa carraa gaarii fudhachuun badhaadhina Itoophiyaa kan ariifachisu ta’uu eeruun, rakkoowwan mudataniin gufatanii dhaabbachuun akka hin jirre ibsaniiru.

‎Qindoomuun , waloomuuniifi wal-deeggaruun Itoophiyaa gara caalutti ceesisuuf ciminaan hojjechuun akka barbaachisus dubbataniiru.

‎”Dhaabbileen biyya alaafi lammiileen biyya alaa biyya keenya Itoophiyaa amananii invasti godhaa jiraniif caalaatti bu’aa akka argataniif mootummaan karaa Komishinii Invastimentiifi Boordii Invastimentiitiin deeggarsa akka taasisus eeraniiru.

‎”Harka haa dirirfannuu, haa hojjennuu, haa tattaaffannuu, badhaadhina Itoophiyaa akka arginu nan amana” jechuun akka waliin imalis Ministirri Muummee, Sagantaa Galateeffannaa Kaffaltoota Gibiraaf qophaa’e irratti waamicha dhiyeessaniiru.

‎Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply