AMN PLUS- Onkoloolessa 01/2018
Irreechi Hora Wancii Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wanciitti kabajameera.
Irreechi hora Wancii bakka abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, akkasumas kutaaleen hawaasaa adda addaa argamanitti haala duudhaa isaa eegeen kabajamuu isaa ibsi KMO erge ni mul’isa.
Irreechi duudhaalee gurguddoo nagaa, jaalalaafi tokkummaa, araaraa fi dhiifama ofitti hammate torban har’aa Fulbaana 24, Hora Finfinneetti, Fulbaana 25 ammoo Hora Harsadeetti haala ho’aan ta’een kabajamuun isaa ni yaadatama.
Akkaataa Abbootiin Gadaa eyyemanitti Irreechi bakkeewwan garaa garaa Oromiyaafi naannolee akkasumas biyyoota Alaa keessatti kabajamuu itti fufa.