AMN Plus- Onkoloolessa 3/2018
Misoomni koriidarii fi qarqara laggeenii qulqullina Magaalaa Finfinneerratti jijjiirama guddaa akka Fidan Kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Itti fayyadama bu’uuraalee misoomaa ilaalchisee jijjiirama guddaan akka jiru kan ibsan Kantiibaa Adaanech Abeebee, xiyyeeffannaan hojjetama akka jirus dubbataniiru.

Nageenyummaa misooma hojjetamaa jiran kanas hawaasa keessa oolee bulu mitii, keessummaan dhufee galullee haalli isaan itti eegaa jiran baay’ee nama gammachiisa jedhan.
Qaama osoo beekuu misooma hojjetame balleessuufi xureessuf yaalus dambiin adabu bahee akka jiru Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Hawaasni qaama misooma koriidariifi qarqara laggeenii xureessu yoo arge eeruu kennuun akka adabaman gochaa jira, kun ammoo jijjiirama guddaadhas jedhaniiru.

Seera faalama hambisu akka bahe ibsuun, hojirraa oolmaa isaaf dhaabbata misooma koriidarii kununsuufi hordofu hundeessuun hordoffiin cimaan taasifamaa akka jirus ibsaniiru.
Misoomni kunis kan hawaasaati, maallaqa isaaniitiin kan hojjetamee, isaaniif hojjetamee, itti fayyadamuu qabuu, eeguu qabuu akkasumas itti fayyadama isaa mirkaneessuuf waardiyaa ta’anii eeguufi kununsuu akka qabaniis dhaamaniiru.
Shuumii Badhaasootiin