Indaastiriin Eronootiksii Iskaaywiin oomishaalee teeknooloojii diroonii tajaajiloota adda addaaf oolan oomishuu cimsee itti fufa jedhan Itti aanaan Daayireektara Jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa obbo Sisaay Tolaan.
Indaastirichi diroonota oomishu gosaa fi qulqullinaan baay’isuuf dhaabbilee adda addaa wajjin waliigaltee mallatteesseera.

Itti aanaan Daayireektara Jeneraalaa Tajaajilichaa Sisaay Tolaan akka jedhanitti, gama faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu fi bu’aa dinagdee fi tarsiimawaa qabuun teeknooloojii diroonii humna ofiin misoomsuun dhimma yeroon gaafatuudha.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kifilee ammoo Yuuniivarsiitichi qorannoo fi misooma damee kanaan geggeessu, akkasumas humna namaa leenjisuun Indaastiriin Eronootiksii Iskaaywiin waliin tumsaan hojjechuuf qophaa’aa ta’uu dubbataniiru.
Hoji raawwachiisaa olaanaan Giruuppii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasew gama isaaniin, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa carraa diroonota indaastirichaan oomishamanii fayyadamuu akka qabu eeraniiru.

Walabummaa biyyaa kabachiisuuf damichatti humna ofiin sirnaan itti fayyadamuuf tumsaan hojjachuuf carraan gaariin uumameera kan jedhan ammoo Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Giruuppii Indaastirii Injiinaringii Ittisaa obbo Geetaachoo Haayilamaariyaam.
Guraandhala 29, 2017 Minististira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin eebbifamee hojii kan eegale Indaastiriin Eronootiksii ‘Skywin’ diroonota nageenyaaf, bobbii odeeffannoof, tajaajiloota siivilii fi loltummaaf oolan oomishuu cimsee akka itti fufu ibsameera.