AMN Plus – Onkoloolessa 06/2018
Waancaa Addunyaa Umrii 20 gadiin Morookoon Firaans injifachuun xumuraaf geesse.
Waancaa qopheessummaa Chiliin gaggeeffamaa jiru kana irratti Morookoo fi Fraans 1-1 qixa ba’uun rukuttaa adda baastuu kennameen Moorookoon 5-4’n injifattee xumuraaf dabarteetti.
Tapha waancaa kanas Arjentiinaa waliin morkatti.
Arjentiinaan Kolombiyaa 2-1’n injifachuun xumuraaf dabarte.
Morookoon Waanca Addunyaa Umrii 20 gadii kana yoo injifatte Afriikaa keessaa biyya 2ffaa taati.
Gaanaan bara 2009tti Biraaziil injifachuun Waancaa kana milkeessuun ni yaadatama.
Tagany Bafiqaaduutiin