Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinneefi Abbaa Taayitaa kabachiisa Danbii Magaalaa Finfinnee raawwii hojii kurmaana tokkoffaa bara 2018 irratti mari’atan
Raawwiin hojii kurmaana tokkoffaa Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinneefi Abbaa Taayitaa kabachiisa Danbii Magaalaa Finfinnee olaanaa ta’uu Hooggantuun Biiroo Bulchiinsaa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa ibsan.
Kurmaana tokkoffaa kana keessa taateewwan gurguddoon baay’een Magaalaa Finfinneetti raawwatamuu kan dubbatan Aadde Liidiyaan taateewwan kunneenis qindoomina qaamolee nageenyaafi hirmaannaa hawaasatiin milkaa’inaan xumurame.
Taateewwan kanneen akka Yaa’ii jijjiirama qilleensaa Afrikaa 2ffaa, kabaja guyyoota qaammee, Eebba Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaafi hiriira gammachuu guutuu biyyaatti taasifame milkaa’inaan akka raawwatame ibsaniiru.

Tokkummaafi obbolummaa sabootaafi sablammootaa kan jabeessan akkasumas maqaa gaarii Itoophiyaa addunyaatti kan mul’isan Ayyaannonni Masqalaafi Irreechaa kan uummanni miiliyonaan irraatti hirmaate haala ho’aafi duudhaalee isaanii eeggataniin akka kabajame yaadachiisaniiru.
Milkaa’inni kunis qindoomina qaamolee nageenya fi uummataa akkasumas Magaalaa shaggar waliin dhimmoota nageenyaa irratti hojjechuun akka dhufe Aadde Liidiyaan ibsaniiru.
Dabalataanis teeknoolojii deeggaramuun hojiin bu’a qabeessa ta’e akka hojjetame himaniiru.
Bu’uuraalee misooma kooridariifi misooma qarqara laggeenii eeguuf hubannoo hawaasaa cimsuu irratti hojiin hojjetame kan kurmaana tokkoffaa bara darbee waliin yoo madaalamu kan baranaa olaanaa akka ta’ees ibsaniiru
Zallaqaa Oljirraatu gabaase.