Maanchester Anfiilditti imalee erga injifatee waggoota 9 guuteera

You are currently viewing Maanchester Anfiilditti imalee erga injifatee waggoota 9 guuteera

Har’ahoo?

AMN PLUS – Onkoloolessa 09/2018

Taphni Pirimeerliigii Ingilaand har’as itti fufuun taphoota lama kan keessummeessu yoo ta’u dursee sa’aati 10:00 irratti Totenhaam Hootispar dirree isaa irratti Astoon Viilaa ni keessummeessa.

Galgala sa’aati 12:30tti ammoo taphni cimaafi eegamaan torbee kana ta’e Liiverpuul fi Maanchester Yunaayitid gidduutti adeemsifama.

Darbii Laankishaayer jedhamuun kan beekamu morkiin kilaboota lamaanii kun yeroo hundumaa morkii olaanaan kan irratti mul’atudha.

Gareen Ruben Amooriimiin durfamu Maanchester Yunaayitid Anfiild imalee Liiverpuul erga injifatee waggoota 9 kan darbe yoo ta’u seenaa kana fashaleessuuf har’a galgala ijibbaata falmatu.

Qabxiiwwan 10 walitti kan qabate Maanchester Yunaayitid Liiverpuul irraa qabxiiwwan 5n fagaatee argama.

Gara Anfiild kan imalu injifachuufi injifachuu qofaafi kan jedhan Ruuben Amoorim, qabxii 3 yoo argatan Liivarpuul irraa garaagarummaa qabxii 2tti dhiphifatu.

Gama biraan taphootaa 3n darbaan kan injifataman Liiverpuul gara injifannootti deebi’uuf dirreefi deeggartoota isaanii fuulduratti falmatu.

Taphoota 3 injifatamtee rakkoo kee adda baaftee hin beektu taanaan rakkisaadha kan jedhan Arne Slot, Maanchester Yunaayitid injifachuuf humna akka qaban dubbataniiru.

Kilaboonni lamaaniyyuu ga’umsa gaarii irratti kan hin argamne yoo ta’u Liiverpuul dursaa liigichaa Arsenaaliifi Maanchester Siitii waliin morkii taasisu itti fufsiisuuf Maanchester Yunaayitid ammoo caalaatti gahumsa isaatti deebi’uuf ijibbataa waliin falmatu.

Taphichi galgala sa’aatii 12:30 yeroo jedhu kan eegalu ta’a.

Rabbirraa Hirphaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply