Paartiin Badhaadhinaan Dhimma Ulaa Galaanaa fi cabiinsa faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa biroo sirreessuuf qooda fudhattoota biroo waliin cichoominaan akka hojjetu beeksise

You are currently viewing Paartiin Badhaadhinaan Dhimma Ulaa Galaanaa fi cabiinsa faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa biroo sirreessuuf qooda fudhattoota biroo waliin cichoominaan akka hojjetu beeksise

AMN Plus-Onkoloolessa 14/2018

Koreen Hoji Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa Ulaa Galaanaa dabalatee cabiinsa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa suphuuf qooda fudhattota waliin ciminaan hojjetama jedhe.

Pirezidaantii itti aanaan paartichaa Adam Faaraah akka jedhanitti, koreen Hoji Raawwachistuu Paartii Badhaadhinaa walga’ii idilee har’a geggeesseen dhimmoota biyyaalessaa adda addaa fi ajandaalee paartichaa irratti mari’atee kallattiii Kaa’eera.

Mul’ata badhaadhina Itiyophiyaa hunda galeessa qabatee hojiitti kan seene paartichi waggoottan darban waadaa uummataa gale karaa bu’aa qabuun raawwachaa jira jedhan.

Cabiinsa Itoophiyaa hafan suphuuf qooda fudhattoota waliin ciminaan akka hojjetu dubbatanii, walabummaa guutuu bu’aa biyyaalessaa Itoophiyaa giddugaleessa godhatan mirkaneessuuf itti gaafatama irraa eegamu akka ba’u ibsaniiru.

Hojiiwwan misoomaa waggoota darban hojjetaman dinagdee irratti bu’aa guddaa fiduu dubbatanii, waggaa darbe guddinni %9.2 galmaa’uu akka fakkeenyaatti kaasan.

Ce’umsi Caasaa dinagdee mirkanaa’aa jiraachuu Korichi qorachuu isaa eeranii, dinagdichi qonna irraa gara indaastiriitti fi tajaajila ammayyaatti ce’aa jira jedhan.

Galii walitti qabuun daldala alaa fi oomishaalee bakka bu’aniin bu’aan galmaa’uu kaasanii, guddinni dinagdee waliigalaa ariifataa, hammataa, qulqulluu fi jireenya uummataa qabatamaan kan fooyyesse ta’uu eeraniiru.

Walabummaa nyaataa mirkaneessuu fi gargaarsa namoomaa humna keessoonuwwisuuf hojjiiwwan eegalaman bu’aa fiduu himanii hojiiwwan nama irratti xiyyeeffataniin lammiileen humna hinqabne hedduu fayyaduun akka danda’ame dubbatan.

Gara fuula duraattis gargaaramtummaa dhabamsiisuuf deggersa namoomaa humna ofiin guutuuf fandii ga’aa qabachuu akkasumas hojiin kuusaa of eeggannoo biyyaalessaa humna ofiin oomishuu jabaatee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Koreen Hojii Raawwachiistuu paartichaa dhimmoota nageenyaa fi siyaasaa qorachuun milkaa ina maree biyyaalessaaf gace irraa eegamu ba’uuf kutannoo qabaachuu mirkaneessun isaa eeraniiru.

Filannoon biyyaalessaa dhufu nagaa, amanamaa fi hirmaachisaa karaa ta’een akka raawwatamuuf paartichi ga’ee isaa akka ba’u ibsaniiru.

Naannooleen rakkoo nageenyaa murtaa’e qabaachaa turan tasgabbeessuf hojii mootummaa fi uummatani waliin hojjetaniin jijjiiramni qabatamaa dhufuu dubbataniiru.

Qaamni gaaffii siyaasaa qabu kamuu gaaffii isaa karaa bahaan furuuf haalli dandeessisu uumamuu ibsanii, Paartichii fi mootummaa inni hogganu balballi isaanii yeroo mara banaa ta’uu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply