‎Hakiimni haadholii kuma 15 ol nagaan dahanii ililleen akka deebi’an taasisan badhaafaman

You are currently viewing ‎Hakiimni haadholii kuma 15 ol nagaan dahanii ililleen akka deebi’an taasisan badhaafaman

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 14/2018

‎Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Bahaa, Aanaa Dadaritti dhalatan. Dooktar Kookab Mahaammad.

Barnoota sadarkaa jalqabaafi 2ffaa Jimmaafi Finfinneetti baratan. Digirii isaanii jalqabaa Ogummaa Fayyaan Kolleejjii Fayyaa Goondaritti hordofan. Yunivarsiitii Finfinneetti ammoo Barnoota Ulfaafi Gadameessa barataniiru.

‎Muuxannoo hojii fayyaa waggaa 38 qabu. Barsiisaa Yunivarsiitii Haromaayaa, Hospitaalota akka Hiwot Faanaa, Hospitaala Dadar, Jagool, Poolisiifi Humnoota Waraanaafi bakkeewwan biroottis hakiima tahuutii hamma itti gaafatamummaa garaa garaatti hojjataniiru.

‎Biyya keessaafi Alaatti leenjiiwwan fudhatanii, qo’annoofi qorannoo taasiaaniin hawaasa isaanii tajaajilaniiru.

‎Baha Itoophiyaatti rakkoo maseenummaa furuufi gaaffii nagaan dahuu Haadholee deebiauuf gumaacha olaanaa taasisaniiru.

‎Haaluma kanaanis, haadholiin Kuma 15 fi 880 nagaan dahanii, dhala isaanii dhubgachaa, gammachuufi ililleedhaan akka mana isaaniitti deebi’aniif ogummaa hakiimaa isaaniin itti gaafatamummaa isaanii bahaniiru.

‎Maarree Ministeerri Fayyaa Itoophiyaas Galata isaanii hin daganne. Yaa’ii isaa 27ffaa magaalaa Jimmaatti adeemsisaa jiru irratti osoo hin eegin tasa isaan ajaa’ibsiiseera.

‎Badhaafamaa Tajaajila Ogummaa Olaanaa Bara Jireenyaa taasisuun isaan badhaasuu isaa odeeffannoon Ministeericharraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply