Abbootiiin Amantaa duudhaalee amantaa barootaaf waliin qaban jabeessuun nagaa fi tasgabbii biyyaaf hojjechuu qabu jedhame

You are currently viewing Abbootiiin Amantaa duudhaalee amantaa barootaaf waliin qaban jabeessuun nagaa fi tasgabbii biyyaaf hojjechuu qabu jedhame
  • Post category:Itoophiyaa

Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa haala kabaja Ayyaana Irreechaa, Masqalaa fi Moolidaa fuldura kanatti kabajamu ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Amantaan kamuu duudhaa fi safuu mataa isaa waan qabuuf amantii fi eenyummaa walitti makanii ilaaluun sirrii akka hin taane Abbootiiin Amantaa ibsichaan himaniiru.

Abbootiiin Amantaa duudhaa tokkummaa fi waloomaa cimsuun, hammeenyaa fi garaagarummaa yaadaa tokko malee sababa fi sablammoonni biyyattii nagaan waliin akka jiraataniif kadhannaa taasisuu akka qaban ibsichaan himameera.

Amantaa kamuu keessatti dhimmi jaalalaa, Wal qixxummaa, tokkummaa, walitti dhufeenyaa fi nageenya waloo akka duudhaa fi safuu guddaatti waan ilaalamuuf ayyaanonni dirree kamuu gaafa kabajamu akkaataa duudhaa afuurawaa isaanii eeganiin kabajamuu Akka qaban abbootiiin amantaa ibsichaan hubachiisaniiru

Barri haaraan Kunis kan jaalala nageenyaa fi tokkummaa akka ta’u gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa hawwii gaarii qabu ibseera.

Sisaayi Dirribaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review