Dorgommii Waancaa Adunyaa 2030 Ardiilee Sadiitti adeemsifama

You are currently viewing Dorgommii Waancaa Adunyaa 2030 Ardiilee Sadiitti adeemsifama

AMN PLUS- Ebila 7/2017

Dorgommiin Waancaa Addunyaa bara faranjootaa 2030tti adeemsifamu Ardiilee Ameerikaa kibbaa, Afrikaa fi Awurooppaa keessatti ta’a jedhamee eegama.

Amerikaa kibbaarraa Arjantiinaa, Paaraaguway fi Uraagaayitti baniinsi dorgommichaa kan gageeffamu yoo ta’u Ardii Awurooppaarraa Ispeen fi Porchugaal yoo ta’an Ardii Afrikaarraa Morookoon ammoo kanneen dorgommicha keessuummeessanidha.

Karoora dorgommii waancaa Addunyaa 2030 irratti lakkoofsa hirmaattotaan wal qabatee qooda fudhattootni yaadota garagaraa dhiyeessaa jiru.

Konfedereeshiniin kubbaa miilaa Ameerikaa kibbaan lakkoofsi hirmaattoota garee biyaalessaa gara garee 64tti akka guddatuuf yaada kan dhiyeesse yoo ta’u waldaa kubbaa miilaa Awurooppaa fi Konfedereeshinii kubbaa miilaa Eeshiyaa yaadicha mormaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun konfedereeshiniin Waldaa Kubbaa Miilaa biyyoota kaabaa, giddugalaa Ameerikaa fi biyyoota Kaariibiyaanis yaada dorgommii waancaa Addunyaa bara 2030 irratti garee biyaalessa dhiirotaa 64 hirmaachisuuf dhiyaate mormeera.

Dorgommii waancaa Addunyaa bara 2026 walta’insa biyyoota Ameerikaa, Meksiikoo fi Kanaadaan qophaa’u irratti gareewwan biyaalessaa hirmaatan 32 irraa gara 48’tti akka dabalu murtaa’uun ni yaadatama.

Yaadni waancaa Addunyaa bara 2030 irratti gareewwan 64 akka hirmaataniif dhiyaate waggaa 100ffaa jalqabbii dorgommichaa sababeeffachuun biyyoota hedduufis carraa hirmaannaa uumuuf yaadamee ta’uu pirezidaantiin Konfedereeshinii kubbaa miilaa Ameerikaa kibbaa Alesandiroo Dominiguweez himanii turan.

Maddi BBC fi VOA

Muktaar Abdallaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply