Finfinneen bifa haaraa uffachaa jirti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Finfinneen bifa haaraa uffachaa jirti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen dhimma sochii misooma magaalichaa ilaalchisuun Gaazexaa Addis Zaman waliin turtii taasisaniiru.

Turtii isaaniin qabxiilee ijoo kaasan keessaa:-

👉Finfinneen hirriba baroota hedduuf keessa turterraa dammaqaa jirti

👉 Bara jijjiiramaa keessa misoomni waaraan Finfinnee madaalu karoorfamee hojiitti hiikamuun magaalattiin bifa haarawa akka uffattu taasifameera.

👉 Waantota ammayyummaa magaalaa ibsan keessaa tokko bu’ura misooma daandiiti. Finfinneenis bara jijjiiramaarraa jalqabee qabeenya daandiiwwanii bareedaafi ammayyaawaa ta’uu dandeesseetti.

👉 Dhiibbaa qaala’ina jireenya xiqqeessuuf oomishtoota shamattoota waliin kallattiidhaan walqunnamsiisuuf Giddugalli Gabaa Omishaalee Qonnaa kaan xumuramaniiru, kaan ijaaramaa jiru.

👉 Giddugaloonni kunniin wayita xumuramutti cancala gabaa seeraan alaa hanbisuufi qaala’ina jireenya jiraattotaa xiqqeessuuf gahee olaanaa qabaata.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review