Hidhi haaromsaa Itoophiyaa guddichi pirojektii mul’ata biyyoonni naannichaa waliin guddachuuf qaban kan milkeessuudha’ Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

You are currently viewing Hidhi haaromsaa Itoophiyaa guddichi pirojektii mul’ata biyyoonni naannichaa waliin guddachuuf qaban kan milkeessuudha’ Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

Bitootessa 27/2017(TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi pirojektii mul’ata biyyoonni naannichaa waliin guddachuuf qaban kan milkeessu ta’uu dubbi himaan ministeera dhimma alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsan.

Dubbi himaan kun TOItti akka himanitti, hidhi haaromsaa Itoophiyaanonni kan itti boonan, Afriikaanotaaf ammoo miira ni danda’ama jedhu kan uumedha.

Pirojektichi deeggarsa Itoophiyaanota biyya keessaa fi biyyaa alaa jiraataniin, dhalattoota Itoophiyaa fi michoota Itiyoophiyaan kan dhugoome ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsi hidha kanaa qormaata hedduu darbee har’a gahuusaa ibsanii, biyyoonni sulula gadi jiran dhiibbaa uumuuf dhimma hidhaa kanaa amma waltajjii addunyaatti akka geessan yaadachiisniiru.

Umannii fi mootummaan Itiyoophiyaa dhiibbaa dippiloomaasii hedduu damdamachuun ijaara hidhaa kana boqonnaa xumuraarra geessisuu kaasan.

Hidhi haaromsaa bu’aa gamtaa fi cimina Itoophiyaanotaa ta’uu dubbataniiru.

Hidhi haaromsaa Itoophiyaanotarra darbee Afriikaanotaaf humna ofiin pirojektoota gurguddoo ijaaruun akka danda’amu kaka’umsa uumuusaa ibsaniira.

Itoophiyaan biyya sochii paan Afriikaatiin beekamtudha kan jedhan dubbi himaan kun, Hidhi haaromsaas qajeelfama paan Afriikaanizimiin ijaaramee kabaja biyyaalessaa ta’eera jedhan.

Hidhi haaromsaa Itoophiyaa guddichi naannicha humna elektiriikiin walitti fiduun ajandaa 2063 milkeessuuf kan gargaaru ibsituu fayyadama waloo ta’uu himaniiru.

Fakkeenyaaf Itoophiyaan Sudaan, Sudaan Kibbaa , Keeniyaa fi Taanzaaniyaa waliin waliigaltee tumsa dhiheessii anniisaa akka qabdu dubbataniiru.

Itoophiyaan ijaarsa bu’uura misoomaa, sektara daldalaa fi Invastimantiin milkaa’ina ajandaa 2063 Afriikaaf gumaacha taasisuun carraaqqii olaanaarra akka jirtu TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply