Warshaan Xaa’oo akka ijaaramu murtaa’uufi hojiisaa eegaluuf sochiin jalqabamuu damee qonnaaf tarkaanfii guddaa ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Pirojektiin akka biyyaatti kan jalqabaa ta’e kun rakkoolee damee qonnaa keessatti argaman sirreessuuf gahee olaanaa akka bahatu, Ministeerichatti Hoji-Raawwachiisaan Dhiyeessii Qonnaa Obbo Mangistuu Tasfaa ibsaniiru.

Oomishaafi oomishtummaa guddisuuf galteen qonnaa murteessaa ta’uu eeruun, ijaaramuun warshaa xaa’oo gosaafi hamma xaa’oo biyyoo barbaadamuun akka argamu taasisuu isaa ibsaniiru.
Biyyoota addunyaa waliin dorgomuun xaa’oo dhiyeessuun rakkoo mudataa turan keessaa tokko ta’uu kan kaasan Hoji-raawwachiisichi warshaan kun biyya keessatti ijaaramuun damee qonnaaf boqonnaa murteessaa akka ta’e ibsuu isaanii TOI’n gabaaseera.
Itoophiyaafi Daangotee wajjin ta’uun warshaa xaa’oo waggaatti yuuriyaa Toonii Miliyoona Sadii oomishuuu ijaaruuf torban darbe keessa waliigaltee akka mallatteessan ni yaadatama.