Dippiloomaasii Addunyaan ajaa’ibsiifataa jiru

You are currently viewing Dippiloomaasii Addunyaan ajaa’ibsiifataa jiru

AMN PLUS- Sadaasa 16/2018

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dippiloomaasii karra cufaatti adeemsifamaa turetti, isaanis karra cufaniiru.

Diiploomaasii walkabajuu bu’uureffate, ‎Faayidaa biyyaalessaa milkeessuufi olka’iinsa Itoophiyaa dhugoomsu.

Waltajjii Addunyaa, waltajjii ifaa, waltajjii beekamaafi qabatamaa irratti taasifamaa jira; sagaleen isaas olka’ee dhaga’ama, mul’ata egeree Itoophiyaa badhaadhinatti ceesisuutiin calaqqisiifama. Dippiloomaasii Ifaafi waaraa, cehumsa qabatamaa, dippiloomaasii Badhaadhinaa.

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) kabaja biyyummaa bu’uureffachuun, diiploomaasii walkabajuu irratti xiyyeeffate biyyoota addunyaa waliin kan eegalan barii jijjiiramaatti. Warri dhaga’e baneefii “Waan nuuf ta’u maal qabdu” jedheen.

‎”Yoo tole, dhufnee isin daawwanna” jedhaniin waggoota 6’n 7’n kana. Kanneen dafanii dhufan jiru.


‎Kanneen waraana heera kabachiisuu kaabaan harka micciiruu barbaadanitti ammoo Dr. Abiyyi karra itti cufani. “Itoophiyaa sarbuu kan fedhu yoo jiraate reeffa keenyarratti” jechuun ejjennoo qabatan.

‎Hojiiwwan kabaja biyyaa deebisan humna ofiin milkeessuu irratti xiyyeeffatan. Biyyakoo kadhaa qamadiirraa bilisoomsa jedhan, ni milkeessan. Hoji maneewwan akka misooma kooriidarii, cehumsa dijitaalaa, magaalota Ismaartii ijaaruu, carraa hojii uumuu, hubannoo namtolchee, misooma Magariisaan, pirojektii misoomaa hedduufi kanneen biroo irratti hojii qabatamaa hojjachaa, qe’ee ofii miidhagasaafi qulqululleessaa, akkuma maqaa ofii badhaadhina milkeessuuf daandii ida’amuun eegalame saffisiisan.

‎Pirojektiiwwan akka Hidha haaromsaa xumuruun eebbisiisuun ija hawaasa addunyaa fuulduratti pirojektoota Meeggaa abdii dhaloota egeree ta’an eegalchiisan.
‎Hojii kana hundumaa keessatti waamichi dippiloomaasii Badhaadhinaa hin dhaabbane. Akka namootni tokko tokko “dippiloomaasiin Itoophiyaa laafe’ jedhan sana osoon taane, muummichi inuma addunyaa fuulduratti ifa ta’anii qabatamaan mul’atan, firiin isaa dhamdhamamu hojjachuu itti fufan.

‎Kanaanis galataafi beekamtiin hedduu dhaabbilee fi biyyoota garaa garaa irraa isaaniif roobe.


‎Warri yaada qajeelaan “dhuguma waliin hojjannee guddanna” jedhuun yaada michooma waloo keessumeesuuf Ministira Muummee Abiyyi Ahimad karri isaanii banaa oolee banaa bulee, keessummaa gaarii eeggatan hedduun, tokko tokkoon yaa’anii dhufuu eegalan.

‎Karri biyyoota miseensa Garee Dureeyyii Addunyaa 20 (G20) Ministirri Muummee hin rurrukutne hin turre, isaanis amma dabaree dabareen dhufanii, karra dippiloomaasii badhaadhina Itoophiyaa rurrukutaa jiru.

‎Waan dhaga’aniifi as dhufanii ammoo argan yoo fardaafi lafa itti ta’u, yeroo tokko tokko irra deebi’aniis dhufuun taajjabu, dinqiisafatus.

‎Itoophiyaan Itoophiyaa durii akka hin taane, boqonnaa cehumsaa biraarra jiraachuu, gargaaramuu keessaa baatee gara gargaaruutti darbaa akka jirtu yoo ilaalan, “Hojjannaan Akkasitti” jechuun muuxannoo cehuu malus fudhatanii gara mana isaaniitti galaa jiru.

‎Ministirri Muummee Singaapoor Laawuransi Woongi kaleessa Masaraa Mootummaa biyyaalesaatti simannaan taasifameef ajaa’ibsiifatanii qofaa hin dhiisne, hariiroo dippiloomaasii qaban jabeessuun baha Afriikaarraa imbaasii jalqabaasaamii Finfinneetti banuuf waadaa seenani, kunis hariiroo tarsiimawaa biyyootarra darbuun Afriikaafi Eeshiyaan tumsa isaanii daran ittiin cimsan akka ta’e dubbatan.

‎Ministira Muummee Maaleezhiyaa torban darbe, Finfinnee turan, Anuwaar Ibraahim, daawwannaan isaanii hiika guddaa akka qabu dubbatan, mul’atni Itoophiyaan AI, Diinagdee Dijitaalaa fi Misooma Magariisaan qabdu ajaa’ibsiifatanii waliin hojjachuuf karri isaanii baname, karra Itoophiyaa dursee dippiloomaasii badhaadhinaafi banameen wal simuu beeksisan.

‎Biyyootni lamaan Dhimmoota eeraman irratti waliin hojjachuuf Itoophiyaa faana waliigaltee mallatteessuu irra darbee Hubannoo Nam-tolchee, Cehumsaafi faayinaansii dijitaalaa, ogummaa teekinooloojii, bu’uuraalee misoomaa innoveeshiniif ta’an babal’isuufi dhimmoota biroorratti waloon hojjachuun michooma isaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuuf waliif galaniiru.

‎Itoophiyaanis ajandaa 2030 Itoophiyaa Dijitaalaa itti dhugoomsitu michoota ishee idil addunyaaf carraa argatte hundumaan beeksiftee, deebii ajaa’ibsiisaa argataa jirti.

‎Jjjiirama Qilleensaa ittisuufi Misooma Magariisaan walqabatees annisaa haaromfamaa, gabaa kaarbanii, maanufaakichariingii magariisaafi kanneen biroo irratti itti fufiinsaan hojjachuuf galma qabatteetti.

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) adeemsa dippiloomaasii ammayyaa hordofuun dhimmi itti milkaa’an tokko yaa’iiwwan jijjiirama qilleensaa sadarkaa ardii akka Finfinneetti adeemsifamu taasisuu irra darbee, yaa’iin inni guddaan Jijjiirama Qilleensaa Addunyaa 32ffaa (COP 32) jedhamu, waggaa tokko booda ALAtti Bara 2027 Itoophiyaatti akka taasifamu, sagalee guutuun injifachuu isaaniiti.

‎Dippiloomaasii Badhaadhinaa Ministira Muummee Abiyyi Ahimadiin, hariiroowwan daldalaafi Invastimantii garaa garaa gama tuurizimii, geejjiba qilleensaa, fayyaa, misooma magaalaafi magaalota Ismaartiin mallatteeffaman jiru.

‎Itoophiyaan wiirtuu Afriikaafi Eeshiyaa akkasumas ardiiwwan biroo dhimmoota misoomaafi michoomaan akkasumas hawaasa diinagdeefi siyaasaan wal quunamsiiftu taatee akka itti fuftu hoji manneen dippiloomaasii badhaadhinaan eegalame, itti fufeera.

‎Mul’ataafi galma Ministira Muummee Abiyyi Ahimadii fi Hooggansa isaaniin milkaa’ee Dhalootni Itoophiyaa boqonnaa haar’aan ijaaramte keessa akka jiraatus abdii qabatamaatu jira.

‎Isa kanaaf ammoo hariiroon dippiloomaasii biyyoota miseensaa G20 fi biyyoota Eeshiyaa ariitii fiigicha hilleettiin guddataa jiran, “Asian Tiger” jedhaman faana biyyattiin mallatteesaa jirtu agarsiistuudha.


‎‎Sochiin Itoophiyaan nagaa mirkaneessuuf Afriikaa Bahaafi gaafa Afriikaatti taasiftuufi Ulaa galaanaa xaarii ilmaan isheen deebisachuuf jirtu, naannawichatti akka caalaatti baatee mul’attuufi ergama Badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuurra darbee wabii Afriikaa tahuushee galmaan geessuf itti calaqqisiistudha.

‎Tokkoon tokkoo harka wal fuudhuun diippiloomaatotaafi gaggeessitoota biyyootaa, tokkoon tokkoo waliigaltee mallattaa’uu, seeqni milkaa’inaa seeqame, seeqarras darbee, imimmaan gammachuu akka eebba Hidha haaromsaa galmi Itoophiyaan qabattee fagoo, baay’ee baay’ee fagoo akka ta’e mul’isa.

‎Sababni isaa, seexaan Iddoo hin malleefitti, sadarkaa guddinasheef hin taanetti argamuushee labooba abdii, ifaajjiin, cichoominaafi saffisaan hojjatanii milkaa’uu keessa lammiileetti waan qabsiisuuf.

Egereen Dhalootaa Itoophiyaatti ijaaramaa jira. Boqonnaan haaraa Itoophiyaaf dhufaa jira.

‎Kana keessatti ammoo dippiloomaasiin Badhaadhinaa gumaacha olaanaa bahachuu isaa itti fufa, egereen Itoophiyaa Mul’ataafi galma Ministira Muummee Abiyyi Ahimadiin ifa.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply