Leenjiin hoggantoota olaanoofi giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinneetti kennamaa ture karaa milkaa’aan goolabamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himan.
Leenjichi mata duree “Ilaalcha Mootummaa Ida’amuun, Guddina Dameelee” jedhuun kennamaa turuu yaadachiisuun, hoggansi hundi leenjicharraa hubannoo argateefi hojiilee qabatamaa lafarra jiran kan daawwate ta’uu eeraniiru.

Milkaa’ina dame maraan argaman itti fufsiisuun qormaatilee gara injifannootti jijjiiruun Itoophiyaa fakkeenya Badhaadhinaa taate ijaaruuf ni hojjetama jedhaniiru.
Kallattiiwwan qonnaafi ce’umsa baadiyyaa, dame industirii, akkasumas turizimiifi misooma magaalaan raawwii gaarii galmeessuuf waliigalteerra gahuu Kantiibaa Adaanech miidiyaa hawaasaa isaaniin beeksisaniiru.
Qajeeltoo “Kalaqaafi Saffisaan” hojjechuun badhaadhina Itoophiya ni mirkaneessina jechuunis ergaa dabarsaniiru.