AMN PLUS-Sadaasa 25/2018
Komishinarri Komishinii Qindeessa Tola Ooltummaafi Hirmaannaa Hawaasaa Magaalaa Finfinnee Yimar Kabbadaa,”hojiin tola ooltummaa Sammuu fayya qabeessaafi ilaalcha qajeelaa qabaachuu qofa nama gaafata” jedhaniiru.
Guyyaa tola ooltotaa kana Kabajuun, tola ooltota jajjabeessuufi gochaa eebbifamaa isaaniitti akka gammadaniifi itti boonan akkasumas fuula duratti cimsanii hojiisaanii akka itti fufan taasisuuf kan gargaaru ta’uus ibsaniiru.
Magaalaa Finfinneetti hojii tola ooltummaa hojjechuun aadaa ta’aa kan dhufe bu’aa qabatamaas akka argamsiise Komishinar Yimar himaniiru.

Rakkooleen hawaasummaafi Diinagdee uummataa baay’een hojii gumaacha tola ooltotaan akka furames dubbataniiru.
Jijjiiramaan booda qofa Magaalaa Finfinneetti hojii tola Ooltummaatiin manneen kuma 40 ol ijaaramuun lammiilee kuma 60 caalan fayyadamoo akka taasises ibsaniiru.
Namoonni carraa kanaan fayyadamoo ta’anis kan biyyaaf qaamasaanii miidhameefi maatii dhaban, haadholii daa’imman wajjiin daandiirraafi manneen jijjigaa keessa jiraachaa turan akka ta’e ibsameera.
Gama yaalaatinis lammiileen kuma 300 ol ta’an bilisaan yaala argachuu isaanii komishinich kaasaniiru.

Keessattuu sochii arjooma dhiigaatiin hirmaannaan dargaggootni akka Magaalaa Finfinneetti agarsiisan fakkeenya qaroominaafi badhaadhina Afrikaa kan ibsu ta’u dubbatameera.
Hojii tola ooltummaa Afrikaa keessatti taasifamu ilaalchisee waraqaa qorannoo kan dhiyeessan Qindeessaan Walitti Hidhamiinsa Hojii Tola Ooltota Afrikaa Mashashaa Shawaaraggaa (PhD), sadarkaa Idil addunyaatti waggaatti hojii tola ooltummaatiin Doolaarrii Miliyoonni 400 tajaajilarra akka oolu ibsaniiru.
Afrikaatti waggaatti Doolaarri Miliyoonni 353.5 tola ooltummaarratt baasii akka ta’u kan ibsan Dooktor Mashashaan, lammiileen Afrikaa kuma 651 ta’an irratti akka hirmaatan himaniiru.
Sagantaa kanarratti tola ooltonni Magaalaa Finfinnee kutaalee Magaalattii hundarraa dhufan akkasumas qooda fudhattoonniifi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Mahaammad Toofiqitu gabaase.