Itoophiyaafi Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii Waggaa 80ffaa hariiroo isaanii waliin kabajan

You are currently viewing Itoophiyaafi Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii Waggaa 80ffaa hariiroo isaanii waliin kabajan

AMN PLUS-Sadaasa 27/2018

Itoophiyaafi Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii UN Waggaa 80ffaa hariiroofi tumsaa isaanii waliin kabajaniiru.

Waarii Aadaa kaleessa Viileejii Kurriftuu Afrikaatti adeemsifameen Itoophiyaan hundeeffama UN keessatti gumaacha taasifte sagantaalee garaa garaan yaadatteetti.

Sagantaan qaama “Baatii Itoophiyaa” keessaa tokko ta’e kanarratti ambaasaaddarootni, ministirootni, bakka bu’ootni dhaabbilee idil addunyaafi qooda fudhattootni argamaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Xiimootiwoos (PhD) aadaan hariiroo dippiloomaasii cimsuuf faayidaa qabaachuu addeessuun, seenaa Itoophiyaan hundeeffama UN keessatti qabdu yaadachiisaniiru.

Itoophiyaan Jijjiirama Qilleensaa ittisuu, Nageenya mirkaneesuufi misooma keessatti shoora olaanaa ba’achaa jiraachuu ibsaniiru.

UN fooyya’iinsa bulchiinsaa hunda hirmaachisuufi qormaatilee mudachaa jiran furuurratti ejjennoo isaa akka cimsuu qabus hubachiisaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Gargaarsa Namummaa Abubaakar Kaamboo (PhD) Itoophiyaan hundeeffama UN irraa eegalee nagaa tasgabbeessuufi hariiroo gama hundaa cimsuunishee, tokkummaa Afrikaa mirkaneessuun kan calaqqisiifame ta’uu ibsuu isaanii odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply